hamma bara baraatti x 2
Hamma bara baraatti mootiidha ati x 2
Eyyee
Hamma bara baraatti mootiidha ati x 2
Hunda dura akka jirtu
lafaa fi samiin haa dubbatu
Hundi darbees ni jiraatta
yaa Waaqakoo siif galata
Baraan hin daanga'uu ulfinniif aangoon kee
Ililleen si faarsa dhaabbadhee fuulakee
Warri kaleessa mootii turan
darbaniiru har'a hin jiran
Beektoonni fi ogeessonni
liqimfamanii du'anii
Dhaloonni dhalootaan barri yoo darbu baraan
Ati ni jiraatta mootii bara baraan
Ergamoonni samiirratti
ni faarfatu maqaa keetiif
Ilmaan namaa jilbeeffannaan
si waaqessu siif bitamu
Dureessa hiyyoomsitee beela'aa quubsita Addunyaa kanarra eenyuut siin qixxaa